AMN – Muddee 02/2017
Jiilli Hooggantootaa Naannòofi Federaalaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan durfamu godina Baalee Bahaa Aanaa Laga Hidhaatti omisha mishingaa fi xaafii kilaastaraan misoome daawwachaa jira.
Godinichatti rooba gannaatiin lafa hektaara kuma 508 midhaan gosa garagaraatiin misoomeera.
Horsiisee bultoonni aanaalee gammoojjii godinichaas eeggattummaa irraa gara omishtummaatti cehuun carraa roobaafi jallisiin midhaan gosa adda addaa misoomsaa jiru.
Aanaalee gammoojjii Godina baalee keessaa tokko kan taatee aanaa Laga hidhaatti yeroo ammaa lafti heektaarri kuma 54 midhaan gosa garagaraa misoomeera.
Jilli Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Baale Bahaatti argamuun hojiilee misoomaa garaa garaa hojjetamaa jiran dawwachaa jiraachuu Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa irraa odeeffanne.