Hidhi Haaromsa Afrikaanotni qabeenya ofii ofumaan misoomsuu akka danda’an agarsiisa- Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo.

You are currently viewing Hidhi Haaromsa Afrikaanotni qabeenya ofii ofumaan misoomsuu akka danda’an agarsiisa- Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo.

AMN PLUS – Hagayya 22/2017

Hidhi Haaromsa Guddichi Ityoophiyaa Afrikaanotni qabeenya ofii ofumaan misoomsuu akka danda’an kan agarsiisuu ta’uu dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo himan.

Ibsa torbanii kennaniin dubbi himaan kun Jilli sadarkaa olaanaa Ityoophiyaa Sudaan Kibbaa daawwatee mootummaa biyyattii waliinis marii kan taasise yoo ta’u waliigalteerra akka ga’ame ibsanii jiru.

Kunis Ityoophiyaan walitti hidhamiinsaa fi tumsa naannawaa uumuuf kutannoo qabdu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Dubbi himaan kun Itoophiyaan torbee tokko booda yaa’iiwwan gurguddoo akka keessummeessitu ibsuun hojiin qophaa’inaas xumuramaa akka jiru hubachiisaniiru.

Yaa’iin Hawaasa Kaaribiyaanii Afrikaa torbee tokko booda Magaalaa Finfinneetti bakka hoggantootni biyyoota garaa garaa argamanitti akka adeemsifamu ibsanii jiru.

Itoophiyaan Afrikaa fi ummatoota gurraachota hunda bilisoomsuu keessatti gahee olaanaa bahachuu ishee eeruun, uummata Kaaribiyaanii biratti seenaa guddaa akka qabdu dubbataniiru.

“Yaa’iin biraa Finfinneetti adeemsifamuuf jiru Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Afrikaa isa lammaffaa yoo ta’u, namoonni kuma 25 ol ni hirmaatu jedhamee eegama jedhan” dubbi himaan kun.

Yaa’iin kun Itoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf deebii qabatamaa kennite kan itti muuxannoo ishee qoodduufi walta’iinsa faayinaansii cimsitus ta’a jedhan.

Finfinneen wiirtuu konfiransii qofa osoo hin taane magaalaa Afriikaa walitti dhufeenyi dinagdee itti uumamu akka taate ibsaniiru.

Ambaasaaddar Nabiyaat, Hidha Haaromsaa ilaalchisee ibsi kennaniin Afriikaanonni qabeenya mataa isaanii ofumaan misoomsuu akka danda’an kan agarsiisu akka ta’e hubachiisaniiru.

Dubbi himaan kun yaadni koloneeffataa bara kana keessatti gonkumaa bakka akkan qabne illee yaadachiisaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply