MM Abiyyi Ahimad (Dr) ergaa Pirezidaantii Aljeeriyaa Abdulmajiid Teebuuneerraa ergameef fuudhan

AMN- Mudde 7/ 2017

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr) ergaa Pireezidaantii Aljeeriyaa Abdulmajiid Teebunee irraa ergame fudhachuu ibsan.

Dooktar Abiyyi gama miidiyaa hawaasummaa isaaniiin akka ibsanitti Ministira Dhimma Alaa Rippaabilikii Diimokiraatawaa Ummataa Aljeeriyaa Ahimad Atafaaniin waajjira isaaniitti simataniiru.

Akka ergamaa addatti ergaa Pireezidaantii Biyyattii Abdulmajiid Teebuunee irraa ergame isaan qaqqabuu himaniiru.

Hariiroo Itiyoophiyaa fi Aljeeriyaa gidduu daran cimsuun haala danda’amurrattis marii bu’aa qabeessa taasisuu eeraniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply