Hidhi Haaromsa Itoophiyaa pirojektii seenaa Itiyoophiyaa Jijjiireedha- Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa

You are currently viewing Hidhi Haaromsa Itoophiyaa pirojektii seenaa Itiyoophiyaa Jijjiireedha- Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa

‎AMN PLUS- Qaammee 4/2017

‎Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa pirojektii seenaa Itiyoophiyaa jijjiire ta’uu beeksise.

‎Hidha Afrikaa keessaa guddaa ta’e kun humna lammiilee biyyattin ijaaramuun isaa xiinsammuufi ilaalcha hawaasa qabatamaan jijjiiruun olka’iinsa dhugaa akka fides ibsameera.

‎Hidhni kun akkan ijaaramneef holola siyaasa addunyaatiin deeggarsaa fi liqii dhorkatanis, maallaqa fi humna ummata isheetiin misoomsuu danda’uun injifannoo guddaa akka ta’e beeksiseera.

‎lola xiinsammuu fi dhiibbaa dippilomaasii idil-addunyaa hidhichaan walqabatee baname mormuun lammiilee biyyatti maallaqaa hanga humna isaaniitti hirmaachisuun milkaa’inni kun akka dhufu ta’eeras jedhame.

‎Miseensonni dhaabbatichaa hidhichi akka xumuramuuf lubbuu isaanii kaffalan galateeffamuu akka qaban ibseera.

‎Hidhichi hamma xumuramutti gumaachi Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (Dr.) guddaa akka ta’e eereera.

‎Ummanni Itoophiyaa guutuun, karaa adda addaatiin hidhichi akka xumuramuuf gumaachi taasisan seenaa keessatti kan yaadatamu ta’uu yaadachiiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply