AMN PLUS- Bitootessa 2/2017
Industiriin Godoo carraa hojii bal’aa uumuu fi kalaqa jajjabeessuun dinagdee biyyaa ariifachiisuu akka danda’u Waajjirri Kominikeeshinii Magaalaa Shaggar beeksiseera.
Mootummaan fayyadamummaa hawaasaa guddisuuf carraawwan jiru hundatti fayyadamuun hawaasni hojjetee dinagdee fi jireenya isaa guddisuun akka fooyya’uf xiyyeeffannoon hojjechaa jira.
Keessumattuu, dargaggoonni carraawwan argame hundatti gargaaramuuun gurmaa’anii hojii ummatanii akka hojjetaniif leenjiin garaa garaas kennamaafii jira.

Magaalaa Shaggaritti dargaggoonni hedduun hojii industirii Godoo irratti gurmaa’uun carraa hojii ofiifi namoota biraatiifis uumuun fayyadamoo ta’aa jiru. Industiriin Godoo carraa hojii bal’aa uumuu bira darbee kalaqa ni jajjabeessa.
Gama biraatiin gosoota hojii dagatamanii turan baasee mul’isuun bu’uura industirii ammayyaa ta’aa jira. Oomishaaleen biyya keessaa jajjabeessuun dinagdee biyyaa itti fufaa fi ariifataa taasisa.
Industiriin Godoo Kutaalee Magaalichaa hunda keessatti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Aadaa hojii dargaggootaa jijjiiruu keessatti qooda guddaa qabachuu odeeffannoon Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Shaggar irraa argame ni mul’isa.