Hidhi Haaromsaa galma misoomaa UN milkeessa- Pirezidaant Taayyee Atsiqasillaasee

You are currently viewing Hidhi Haaromsaa galma misoomaa UN milkeessa- Pirezidaant Taayyee Atsiqasillaasee

AMN PLUS – Fulbaana 14/2018

Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen hidhi Haaromsaa galma misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii torba keessaa dhiyeessii anniisaa galmaan gahuu himan.

Pirezidaant Taayyee Pirezidaantii Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Anaalenaa Berbookii waliin mari’atan.

Maree isaaniin qormaatilee waqtaawaa addunyaa fi dhiibbaa hariiroo gam-hedduu irratti geessisaa jiru ilaalchisee yaada waljijjiiraniiru.

Pireezidaanti Taayyeen wayita kana akka jedhanitti, hariiroon gam-hedduu fi qajeeltoowwan nageenya waloo eegsisuuf tattaaffii qindaa’aa cimsuu barbaachisa.

Hidhi Haaromsaa Itiyoophiyaan dhiyeenya kana eebbisiiste bu’aa hedduu akka qabu ibsanii, keessumaa dhiyeessii humnaa qulqulluu guddisuun galmoota misooma waaraa Mootummoota Gamtoomanii milkeessuuf bu’aa guddaa akka qabu hubachiisaaniiru.

Hidhi Haaromsaa fi piroojektonni biroo tumsawwan naannawaa fi idil-addunyaa caalmaatti cimsuuf carraa gaarii fidanii dhufu jedhan.

Anaaleenaa Beerbook gama isaaniin qajeeltoowwan Chaartera Mootummoota Gamtoomanii kabajuu fi eeguun nagaa fi misooma mirkaneessuuf murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Misooma Itiyoophiyaa, naannawaa fi nageenya naannawichaa dabalatee dhimmoota naannawaa xiyyeeffannoo barbaadanirratti mari’ataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply