AMN- Sadaasa 11/2017
“Daa’imman waan dubbaatan qabuuti haa dhaggeeffaannu” mata duree jedhuun guyyaan daa’immani sadarkaa biyyaalleessaatti yeroo 19ffaaf kabajamaa jira.
Ministeerri Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa guyyaa daa’immanii sadarkaa Idil Adduunyaatti yeroo 35ffaaf sadarkaa biyyaatti yeroo 19ffaaf kabajama.
Ministirri Ministeeraa Dhimma Dubartootaafi Hawasummaa Dr. Ergooggee Tasfayee sadarkaa biyyaalleessaatti guyyaa daa’immanii kabajuun, daa’immaan miira isaani sodaa malee akka ibsatan taasisuuf shooraa olaanaa qaba jedhan.
Mootummaan xiyyeeffannoo addaan daa’iimman beekumsaafi naamusaan gahoomani biyya itti fufsiisan horachuuf hojiilee adda addaa hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Saganticha irratti daa’imman yaada adda adda dhiyyeessuun irratti mari’aatamera.
Mirga daa’immaanni kabachisuufi kunuunsa isaanif barbaachisu tasiisuuf qaamolee Mootummaafi dhabbiilee qooda fudhattootaa gahee olaanaa bahataniif beekamtiin kennameera.
Leensaa Hordofaatu gabaase