Hidhi Haaromsaa Quuqama Misoomaa Bara Dheeraa kan milkeessedha-Injiinar Habtaamuu Ittafaa (Dr.)

You are currently viewing Hidhi Haaromsaa Quuqama Misoomaa Bara Dheeraa kan milkeessedha-Injiinar Habtaamuu Ittafaa (Dr.)

AMN PLUS – Hagayya 21/2017

Dhaloonni dandeettii isaa fi irree cimaan quuqamamisoomaa bara dheeraa hidha haaromsaa guddichaan akka milkeesse Ministirri Bishaaniifi Inarjii Injiinar Habtaamuu Ittafaa(Dr.) ibsan.

Pirojektiin guddichi anniisaa maddisiisu kan Itoophiyaantumsa lammiisheen dhugoomsite dammaqina addunyaa raajjeffachiisuun haala addaan eebbifamuuf qophiin taasifamaa akka jiru ibsaniiru.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad(Dr.) milkaa’ina hidha haaromsaa Itoophiyaa ilaalchisuun “Jalqabbiin bayyanachuu Itiyoophiyaaida’ama waliigalaa, copha dhiigaa, copha dafqaa, copha imimmaanii, copha bishaanii ilaalchisuun ta’uu, hidhi kunmallattoo barabaraa ta’ee dhalootaaf ragaa baha ni jiraata” jechuun ibsuunsaanii ni beekama.

Ministirri bishaanii fi Inarjii injiinar HabtaamuuIttafaa(Dr.) “Ergaan ministira muummee milkaa’inni hidha haaromsaa dhiigaa fi dafqaan hidhamuu Abbayyaa mul’isu bu’uura bayyanachuu Itoophiyaa ta’uu kanhubachiisedha” jedhaniiru.

Fuulduras badhaadhina Itoophiyaaf hidha haaromsaanalatti hojiiwwan gurguddaa biro milkeessuun akka danda’amu kan hubachiise ta’uu dabalanii ibsaniiru.

Dhaloonni kun dandeettiifi irree isaatiin hidha haaromsaa dhugoomsuun quuqama Itoophiyaa bara dheeraa kan milkeessee fi dhaloota goota misooma boonsaa raawwate ta’uu dubbataniiru.

Humni elektiriikii hidhi haaromsaa maddisiisu

qaqqabiinsa fedhii anniisaa biyyaalessaafi naannawaa bal’isuuf humna guddaa akka ta’e himaniiru.

Milkaa’inni Pirojektii hidha haaromsa guddichi kun ashaaraa misoomaa dhaloota dhufuuf hiika guddaa qabu akka ta’e dubbachuuisaanii TOI’n gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply