AMN PLUS- Waxabajjii 4/2017
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee bakka buutota dargaggoota magaalaa Finfinnee waliin mari’ataniiru.
Marichis mata duree “Ga’ee Dargaggootaa Badhaadhina Hundagaleessaf” jedhun taa’ame.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee bakka bu’oota kutaalee hawaasaa waliin mari’achaa kan ture yoo ta’u, waltajjiin har’a kun 11ffaa ta’uun ibsameera.
Dargaggoota kan mariisisan Kantiiban Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dargaggoonni humnaafi abdii biyyaati jedhan.
Hojiilee misoomaafi nageenya magaalaatti mirkaneessuu keessatti hirmaannan dargaggootaa olaanaa ta’uu himan.
Magaalaa Finfinneetti jijjiramaan as fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf hojiilee hedduun hojjetamuu kaasan.
Wiirtuuwwan oolmaa dargaggootaa kuma 1 fi 400 ol fi wiirtuun dargaggoonni ga’umsa itti horatan 114 ijaaramuu Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.
Imala badhaadhinaa Itoophiyaan eegalte kan milkaassu dargaggoodha,kanaaf dargaggoonni humnaafi beekumsa qabaniin tumsa taasisuu akka qaban Kantiibaa Adaanech Abeebee dhaamaniiru.
Guddataa Ajjamaatu Gabaase