AMN PLUS- Amajjii 06/2017
Ayyaanni Cuuphaafi Kataraa karaa duudhaa isaa eeggateefi tasgabbii qabuun akka kabajamuuf qophiin xumuramuu Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee beeksise.
Biirichi Ayyaana Cuuphaafi Kataraa karaa hawwataa ta’een kabajuun haala dandaa’amurratti biirichi dargaggoota waliin mari’achaa jira.
Hoogganaa itti aanaan Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Obbo Miidhagsaa Kabbadaa, ayyaana turistoonni hedduun irratti argaman kana bifa duudhaafi aadaa isaa eeggateen kabajamee akka darbuuf qophii barbaachisaan xumurameera jedhan.
Kabaja ayyaana kanaarratti dargaggoonni kuma 80 oli ta’an kallattii garagaraan gaheesaaniirraa eegamu bahuuf qophii tahuus himaniiru.
Darajjee Bayyanaatu Gabaase.