AMN PLUS- Onkoloolessa 29/2018
Leenjiitoonni Leenjii Hooggantoota Olaanoo Paartii Badhaadhinaa irratti hirmaataa turan hojiilee misoomaa magaalaa Finfinneetti hojjatamaa turan dawwachuu eegalan.
Hoggantoonni olaanoo kuniin Leenjii Ijaarsa dandeettii guyyoota 10f Naannoo Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti fudhachaa turan xumuruun hojiilee hanga ammaatti hojjataman daawwataa jiru.
Leenjichi “Ilaalcha Mootummaa Ida’amuu, jijjiirama dameewwanii” mata duree jedhuun beekumsa, Ogummaa fi gahumsa hooggansaa ijaaruu irratti xiyyeeffachuun kennaman tureera.
Daawwannaan kunis Muuziyemii Saayinsii irraa kan eegalame yoo ta’u, bakkeewwan magaalaa Finfinnee garaa garaatti akka itti fufu beekameera.
Bayyanaa Taaddasaatu gabaase