Phaphaasonniifi Miseensonni Sinoodosii Mana Amantaa Ortoodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa hojiilee misoomaa Magaalaa Finfinnee keessatti hojjetaman dawwataniiru.
Abbootiin Mana Amantaa Ortoodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa kunneen pirojeektota misoomaa Magaalaa Finfinnee iddoo gara garaatti hojjetaman erga daawwatanii booda yaada ̕AMN PLUS’f kennaniin, hojiilee hojjetaman kunneen gootummaa hooggansa jijjiirama kan argisiisu ta’uu ibsanii misoomni kuni nama hunda kan giddu galeeffateefi agarsiiftuu guddinaa ta’uu dubbataniiru.
Pirojeektoonni Magaalaa Finfinnee iddoo gara garaatti hojjetameefi hojjetamuu irratti argamu kun harka-qalleessii kan ittiin gargaaramuufi guddina Itoophiyaa boruutif bu’ura ta’uus Phaphaasonniifi miseensonni sinoodosii Mana Amantaa Ortoodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa kunneen dubbatanii jiru.
Biyyi keenya Itoophiyaan nagaa akka taatuufi misoomni eegalame kana caalaa cimee akka itti fufuuf namni kamiiyyuu tumsuu akka qabu Phaphaasonniifi Miseensonni Sinoodosii Mana Amantaa Ortoodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Kunneen Dhaamaniiru.
Abbootiin amantaa kunneen pilaazaafi suuqiiwwan lafa jalaa araat kiiloo, mandara qindaa’aa Galan Guraa kan kaafamtoota misoomaaf ijaarame, Giddu Gala Leenjiifi Haaroomsa Dubartoota Lenegewaafi hojiilee misoomaa Magaalaa Finfinnee gara garaa daawwataniiru.
Geetahuun Katamaatu Gabaase