AMN PLUS- Onkoloolessa 10/2018
Abboottiin Amantaa Yaa’ii Sinodoosii Waliigalaa 44ffaa Mana Kiristaanaa Ortoodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa irratti hirmaachuuf kutaalee biyyattii gara garaarraa Finfinnee dhufan Hojiileen misoomaa hojjataman Finfinneen jireenyaaf mijattuu fi hawwattuu taasisuu ibsaniiru
Misooma qarqara laggeenii hojjataman kan daawwachuun dinqisiifataniiru.
Hojiileen misoomaa kuni Ariitiifi Qulqullinni ittiin hojjetamaa jiran kan isaan ajaa’ibsiise ta’uu kan ibsan abbootiin kunneen, Naannoo ofii mijataa fi qulqulluu taasisuun barsiisa mana kiristaanaa ta’uu ibsaniiru.
Laggeenii fi Naannoowwan kanaan dura faalamanii fi keessa jiraachuu dhiisii bira darbuuf rakkisaa turan qulqulluu fi miidhagaa ta’uun isaanii miira abdiifi addaa kan keessatti uume tahuu abbootiin amantii kunneen, Finfinneen akkuma maqaan ishee ibsutti, haaraafi abaaboo ta’aa akka jirtu ibsaniiru.
Hojiiwwan misoomaa hojjataman kanneen miira abbummaatiin eeguu fi kunuunsuun itti gaafatamummaa jiraattota Magaalattii fi qooda fudhattoota hundaa ta’uus cimsanii dubbataniiru.
Mahaammad Toofiq tu gabaase.