Hojiin Dijitaalaa EBC qaama imala Itoophiyaa Diijitaalessuuti- Laggasaa Tulluu (PhD)

You are currently viewing Hojiin Dijitaalaa EBC qaama imala Itoophiyaa Diijitaalessuuti- Laggasaa Tulluu (PhD)

AMN PLUS – Hagayya 07/2017

Korporeeshiniin Biroodkaastiingii Itoophiyaa appilikeeshinii haaraa EBC Diijitaalaa eebbisiise.

Hojiin dijitaalaa fi danummaan qabiyyee EBC dantaa biyyaalessaa biyyattii kan eegsisuu fi miidiyaalee biroof boqonnaa haaraa kan bane ta’u Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Laggasaa Tulluu (PhD) himan.

Hojii Dijitaalaa fi danummaan qabiyyee EBC miidiyaalee biroof boqonnaa haaraa kan bane ta’uus eeraniiru.

Bara odeeffannoon karaa miidiyaa hawaasaa sekondii muraasa keessatti addunyaa irra naanna’u kanatti odeeffannoowwan Seeneessa jallaa tamsaasan hedduun jiraachuu isaanii ministirichi kaasaniiru.

EBCn addunyaa dijitaalaa keessatti fakkii biyyaa ijaaruu, lammiilee walitti dhiheessuu fi qabiyyee dantaa biyyaalessaa kabachiisu dhiyeessuu danda’uun isaa bu’aa guddaa ta’uu ibsaniiru.

Miidiyaaleen Itoophiyaa seeneffama sobaa ofirraa ittisuu fi haalawwan misooma biyya keenyaa mul’isuu akka qabanis cimsanii dubbataniiru.

Miidiyaaleen Itoophiyaa seeneffama sobaa ofirraa ittisuu fi haalawwan misooma biyya keenyaa mul’isuu akka qabanis cimsanii dubbataniiru. Etv gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply