Hojiin misooma Magaalaa Finfinnee giddu galeessummaa dippiloomaasii mirkaneessa- Komishinara Dinagdee Afrikaa

You are currently viewing Hojiin misooma Magaalaa Finfinnee giddu galeessummaa dippiloomaasii mirkaneessa- Komishinara Dinagdee Afrikaa

‎AMN PLUS- Fulbaana 22/2018

‎Magaalaa Finfinneetti misooma koriidarii dabalatee hojiileen misoomaa hojjetamaa jiran dorgomummaa magaalatti guddisuun giddugaleessuummaa doppiiloomaasii mirkaneessaa akka jiru Gamtaa Afrikaatti Komishinarri Dinagdee Afrikaafi Itoophiyaaatti Ambaasaaddarri Chiilii Roodirigoo Guuzimaan ibsaniiru.

‎Biyyootni lamaanuu eegumsa naannoorratti ejjennoo cimaa kan qaban ta’uu ibsuun, Chiiliin tokkummaan hojjechuuf qindoominni biyyoota Afrikaa waliin qabdu guddaa ta’uu kaasaniiru.

‎Itoophiyaan biyya qaroomina duriitiin beekamtu ta’uu kaasuun hojiilee muuziqaafi aartii irratti biyyoonni lamaanuu walitti hidhamiinsa aadaa qaban akka cimsan Ambaasaaddarri kuni dubbataniiru.

‎Walitti hidhamiinsa aadaa biyyoota lamaanii daran cimsuun kuni ummata biyyoota lamaanii wal-barsiisuu keessatti gumaacha guddaa akka qabu himaniiru.

‎Magaalaan Finfinnee magaalaa guddoo Afrikaafi giddu gala dippiloomaasii ta’uu isheetiin jijjiiraramni agarsiiste daran akka miidhagduufi ammayyooftu taasisuu eeruu isaanii TOI gabaaseera.

‎Magaalaa keessatti hojiileen misoomaa raawwatama jiran Finfinnee ammayyooftuufi mijooftuu taasisuun dorgomummaa ishee akka guddisaa jiru illee itti dabaluun ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply