Hooggansi Caasaa barnootaa dhaabbilee barnootaafi barattoota isaanii irratti jijjiirama fiduuf ciminaan carraaquu qabu- Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee

AMN – Muddee 15/2017

Hooggansi Caasaa barnootaa dhaabbilee barnootaafi barattoota isaanii irratti jijjiirama fiduuf ciminaan carraaquu akka qaban Hoogganaan Biiroo Barnootaa Bbulchiinsa Magaalaa Finfinnee Zalaalam Mulaatuu (Dr.) ibsan.

Biiroon Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee manneen barnoota kurmaana bara baajataa 2017tti riiformii gaggeeffameen bu’aa fooyya’aa galmeessan waliin sagantaa muuxannoo qooduu gaggeesse jira.

Sagantaa muuxannoo qooduu kun kan gaggeeffame kutaa magaalaa Nifaas Silki Laaftoo Aanaa 6 keessatti Mana Baruumsaa Natsaannat Corraa sadarkaa 1ffaa, waajjira barnootaa kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaalitti Kan Aanaa 2 keessatti argamu, Aanaa 10 keessatti bakka mana jireenyaa fi misooma bu’uraa qindaa’aa Galaan Gurraa kan guyyaa 57 keessatti kaafamtoota misoomaatiif ijaarame tajaajilaaf banaa ta’e, waajjira barnootaa kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallitti, Kutaa magaalaa Guullalletti mana baruumsaa Inxooxxoo Ambaa keessatti Sagantaan daawwannaafi muuxannoo qooduu gaggeeffameera.

Hoogganaan Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Zalaalam Mulaatuu (Dr.) bakki mana jireenyaa fi misooma bu’uraa qindaa’aa Galaan Gurraa kan kaafamtoota misoomaatiif ijaaramee fi kutaa Magaalaa Aqaaqii Aanaa 9 Manneen barnootaa yeroo gabaabaa keessatti xumuramanii tajaajilaaf banaa ta’uun muuxannoo irraa baratamu ta’uu dubbataniiru.

Hoggantoonni damee barnootaa daawwannaa fi sagantaa muuxannoo gaarii qooduu irratti hirmaatanis hanqinoota damee barnootaa keessatti mul’atu guutummaatti furuudhaan qulqullina barnootaa mirkaneessuuf qooda fudhattoota waliin hojjechuu qabna jedhaniiru.

Geetahuun Katamaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply