Horri Finfinnee kabaja ayyaana Irreechaaf qulqulleeffamuun qophaa’e

You are currently viewing Horri Finfinnee kabaja ayyaana Irreechaaf qulqulleeffamuun qophaa’e

‎AMN PLUS- Fulbaana 21/2018

‎Irreecha Hora Finfinnee Fulbaana 24 Bara 2018 Sanbata dhufu kabajamuuf bakki irreeffannaan itti geggeeffamu Paarkiin Irreechaa Hora Finfinnee qulqulleeffamuun ibsameera.

‎Hoggantoonni, artistoonni fi qaamoleen hawaasaa adda addaa bakkichatti argamuun qulqulleessaniiru.

‎Daayreektarri Olaanaan Ejensii Bulchiinsa Qulqullinaa Magaalaa Finfinnee obbo Gazzaahany Deessisaa ayyaanicha dursee hojiin Paarkii Irreechaa miidhagsuu fi qulqullina isaa eeguu hojjetamaa akka ture himaniiru.

‎Dudhaalee nagaa, araara, dhugaa, jaalala, obbolummaa fi tokkummaan kan beekamu Irreechi erga Finfinneefi Bishooftuutti Fulbaana 24 fi 25 kabajamee booda Oromiyaafi naannolee biroo akkasumas biyyoota addunyaa garaa garaa keessatti hanga Onkoloolessa 30tti kabajamuu itti fufa.

Dassaalany Muhaammad’tu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply