Humna finxaaleyyii nagaa uummataa booressaa ture irratti tarkaanfiin fudhatame

You are currently viewing Humna finxaaleyyii nagaa uummataa booressaa ture irratti tarkaanfiin fudhatame

AMN PLUS-Sadaasa 11/2018

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa humna finxaaleyyii Naannoo Amaaraa Godina Walloo kaabaa keessa daheeffachuun nagaa uummataa booressaa ture irratti tarkaanfii fudhachuu isaa Kutaa waraanaa godinichaatti ajajaa kan ta’an Koloneel Mallasaa Ashaagiree ibsaniiru.

Garee finxaaleyyii kana irratti kasaaraan humna namaafi meeshaalee qaqqabuu beeksisaniiru.

Konkolaataafi meeshaalee gareen kun itti fayyadamaa ture akka to’atamnis ibsaniiru.

Haaluma wal fakkaatuun, Ajajaan Reejimantii Kutaa Waraanaa Koomaandoo Kumalaa Wandaafiraaw Shifarraaw Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Moojjaannaa Waadaraatti tarkaanfii fudhatameen, “miseensota garee finxaaleyyii hedduu dhabamsiisuun, gariin booji’amaniiru” jedhan.

Reejimantiin kun tarkaanfii keessa deebiin qabne fudhateen finxaaleyyii uummata saamaafi gidirsaa turan dhabamsiisuu beeksisuu isaanii odeeffannoon miidiyaa hawaasummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa irraa arganne ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply