Humni Qilleensaa Itoophiyaa gahumsa teekinooloojiisaa osoo walirraa hin kutin guddisuun isaa nama boonsa jedhan Ajajaan Waliigalaa Humnoota Waraanaafi Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr).
Dr. Abiyyi Ahimad Itaamaajoor Shuumii Humnoota Waraanaa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juullaa waliin ta’uun hojiilee Humna Qilleensaatti hojjetamaa jiran daawwataniiru.
Yeroo daawwannaa kanattis “Nuti waraana hin barbaannu, yoo dirqamaan nutti dhufe ammoo Humna Qilleensaa teeknooloojii ammayyaan qabaachuun nama boonsa” jedhan.
Gahumsa waraanaa nama bu’uureffaeen gamatti teekinooloojii irratti xiyyeeffachuun faayidaa gam hedduu akka qabu kan eeran Dr. Abiyyi, akka biyyaattis humna ittisaa cimsuu keessatti mootummaan deeggarsa barbaachisu hunda ni taasisa jedhaniiru.