AMN – Amajjii 7/2017
Tiiktookiin Ameerikaa keessatti cufamuuf dhiyaachuusaatiin namoonni baay’een filannoo isaanii marsaa hawaasaa ‘RedNote’ jedhamu taasisaa jiraachuun gabaafamaa jira.
CNN gabaasa qabatee baheen Doonaald Tiraamp filannoo pireezidaantummaa biyyaatti injifachuu isaanii waliin walqabate Aappii Tiiktookii biyya Ameerikaa keessatti akka hojiirra hin oolle dhaadachuun isaanii ni beekama.
Chaayinaan Tiiktook fayyadamuun biyya isaanii akka basaastu shakkii kan qaban Pireezidaantiin haaraa filataman Tiraamp, kana hanbisuuf biyyattii keessatti hojii irra akka hin oolle gochuun barbaachisaa ta’uu irra deddeebi’anii dubbachaa turaniiru.
Aappiin ‘RedNote’ jedhamu kun waan baay’eedhaan aappii Tiiktookii waliin kan walfakkaatu yoota’u viidiyoo, suuraa fi ergaa gabaabaa ittiin walii qooduu kan danddeessisu akka ta’e odeeffannoon argame nimul’isa.
Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa Ameerikaa murtii Tiiktookii irratti murtaa’uuf jiru sodaachuun gara ‘RedNote’tti hedduminaan godaanaa akka jiran CNN gabaaseera.
Tolasaa Mabraateetu gabaase