Ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa xumuramuun xiyyeeffannoo midiyaalee jajjaboo Idil addunyaa argate

You are currently viewing Ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa xumuramuun xiyyeeffannoo midiyaalee jajjaboo Idil addunyaa argate

AMN PLUS- Waxabajjii 27/2017

Gabaasaalee Idil addunyaa akka BBC,AFP, Aljazera,Sudan Tribune , New York times,Xinhua,CGTN ,Anadolu,Al Arabiya,France 24 fi Africa news Ijaarsi Hidhaa Haaromsaa xumuramuun dhiyeennatti akka Eebbifamu haasaa Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (Dr. ) Kaleessaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummata biyyaatti duratti taasisan wabeeffachuun gabaasan.

Hidhi Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa kan Itoophiyaa qofa osoo hin taane kan biyyoota Ollaa hundaati kan jedhe BBC Mootummaan Itoophiyaa Sirna eebba hidhicharratti Suudaniifi Ijiptii afferaniiru jechuun gabaaseera.

Akka Afrikaatti Pirojektiin guddaan annisaa Elektrikaa Afrikaa kan ta’e Ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa goolabamee kan jedhe Aljazeran ammoo, Ministirri Muummee biyyatti Abiyyi Ahimad (Dr.) hidhi haaromsaa kan hunda keenyaati jedhan jechuun gabaase.

Hidhichi bishaan hanga Meetir Kiyuubii biliyoona 74 kan qabatuuf humna Meeggaa Waattii 5000 ol maddisiisuu kan danda’uufi Oomisha Itoophiyaan amma qabdu dachaa lamaan akka guddatu kan taasisu ta’uu Aljazeran Xiinxalliifi gabaasaan qaaccesseera.

Dhaabbanni Miidiyaa Suudan Sudan Tribune Sirna eebba Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaarratti biyyoonni ollaa akka Suudaniifi Ijiptii akka hirmaatan afeeramaniiru jedhe.

Xinhua, Africa news fi France 24 Faranjootaatti bara 2011 kan eegalamee Pirojektiin guddaan ardii Afrikaa Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa kan akka agartuu Lammiilee biyyattiitti tajaajiluufi dafqa lammiilee biyyattiitiin ijaarame bara dhufu ji’a Fulbaanaa keessa eebbifamaan addeessaniiru.

Maddeen Oduu Idil addunyaa akka Associated Press,TRTWorld, Anadolufi AFP hidhichi biyyoota ollaa akka Suudaniifi Ijiptii walqixa kan tajaajiluu akka ta’e bifuma walfakkatuun mirkanessaniiru.

Namoomsaa Baalliitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply