AMN Plus- Onkololeessa 13/2018
Dhaabbatni Maallaqa Addunyaa (IMF) hojiilee riifoormii diinagdee Itoophiyaan gaggeessaa jirtu dinqisiifate.
Ministirri Maallaqaa Ahimad Shideen Daayrektera olaantuu Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa Kiristaaliinaa Joorjiyeevaa fi Dhaabbatichatti Hoggantoota Dippaartimantii Afrikaa waliin dhimmoota Riifoormichaa fi tumsa yeroo itti aanuu ilaalchisee mari’ataniiru.
Mootummaan Bulchiinsa Fiisikaalaa cimsuuf dandeettii qabeenya biyya keessaa walitti qabuu cimsuu fi caasaa riifoormii saffisisuuf murannoo qaba jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen.

Obbo Ahimad Shiideen IMF deeggarsa Itoophiyaaf taasisaa jiru galateeffachuun, Mootummaan Bulchiinsa Fiisikaalaa cimsuuf dandeettii qabeenya biyya keessaa walitti qabuu cimsuu fi hojiilee caasaa riifoormii saffisisuuf murannoo qabaachuu kaasaniiru.
Itoophiyaan tumsa IMF waliin qabduuf iddoo olaanaa kan laattu ta’uu eeruun,Riifoormiin Diinagdee Gooroo tasgabbeessuu, carraa hojii uumuu fi jireenya lammiilee fooyyessuurratti xiyyeeffate hojiirra oolaa jiraachuu ibsan.
IMF kaayyoolee kanneen milkeessuuf deeggarsa Teeknikaa fi Maallaqaa taasisu itti fufuu himan.
Daayrekterri olaantuun Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa Kiristaaliinaa Joorjiyeevaan gama isaaniin, hojiilee riifoormii Itoophiyaan gaggeessaa jirtu dinqisiifachuun, hojichaaf beekamtii kennaniiru.
Jijjiirama Diinagdee fi tarkaanfii waaraa sirreeffama idaa Itiyoophiyaaf dhaabbilee tumsitootaa biroo waliin ta’uun deeggarsa barbaachisu gochuuf dhaabbanni isaanii murannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.