Irreechi Hambaa Itoophiyaan Addunyaaf gumaachite isa guddaadha jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa

You are currently viewing Irreechi Hambaa Itoophiyaan Addunyaaf gumaachite isa guddaadha jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa

AMN PLUS- Fulbaana 23/ 2018

Tajaajilli Kominikeeshiniin Mootummaa Ayyaana Irreechaa bara 2018 sababeeffachuun ergaa baga geeessanii dabarseera.

Irreechi Hambaa Itoophiyaan Addunyaaf gumaachite isa guddaadha jedhe ergaa isaan. Itoophiyaaan hambaalee kiliyaafi nam tolchee hedduu Addunyaaf gumaachiteetti.

Ayyaanoota Uummataafi Amantaa barootaaf duudhaafi sona isaanii eeganii Uummataan kabajamaa turanis Mootummoota Gamtoomanitti Dhaabbata Saayinsii, Barnootaafi Aadaatti (UNESCO) qabeenya dhala namaa hunda jechuun akka galmeeffamu taassifameera.

Gara fulduraatti duudhaaleen sonoota galmeeffamuu danda’an adeemsa irra jiranis ni qabdi. Ayyaanni Irreechaa Itoophiyaatti bakkoota garagaraatti Uummata Oromoo biratti Ayyaana galataa, araaraafi dhiifamaa ta’uun kan kabajamuudha.

Ayyaanni Irreecha Malkaa Waqtii bacaqiin Gannaa darbee misiraachoo bara haaraatti cehuuf kan ittiin Uumaa ofii galateeffataniifi uumaa waliin itti araaramaniidha jedhe ibsa kenneen. Araarriifi dhiifammni galateeffannaa dursa.

kan wal dhabe araaraafi dhiifamaan bakka tokkotti Uumaa isaaf galata galcha. Qabeenya duudhaa sona akkasii qabu kana Mootummaan keenya akka qabeenya Addunyaatti kunuunsa, ni eegas. Kan eeggamuufis Ayyaanni kun duudhaa isaa eeggatee dhalootatti akka darbutti akka kabajamuufi beeksifamu gochuufi.

Ayyaana Irreechaa bara kanaa yeroo kabajnu, Uummattoonni Itoophiyaa hundi, keessattuu ummanni Oromoo milkaa’ina ijaarsa Hidha Guddicha Haaroomsa Itoophiyaa waliin ta’uun kan itti xumuran waan Ayyaana Irreechaa bara kanaa dachaa taasisa.

Dhiifamaan cehuun, waliin injifachuun, akkasumas waliin galateeffachuun duudhaa Itoophiyaanotaa waan ta’eef, duudhaa Irreechaa kan ta’an dhiifamaafi galatni immoo olka’iinsa Itoophiyaaf gahee guddaa kan qabudha.

Baga geessan! baga geenye! Ayyaanni Irreechaa kan gammachuu, araaraafi dhiifamaa isiniif haa ta’u!

Fulbaana, 2018

Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply