AMN PLUS- Guraandhala 23/2017
Imbaasonni biyyoota garaagaraa teessoo isaani Itoophiyaa ta’e yaadannoo injifannoo Adwaa 129ffaa ergaa baga geessanii dabarasiiru.
Itoophiyaatti Imbaasiin Ameerikaa, guyyaan kun Itoophiyaan bara ALA bara 1896 lola Adwaa irratti humnoota koloneeffataa irratti injifannoo galmeessite dha.Iinjifannoon Adwaa tokkummaa fi sabboonummaa sabaa mul’isa jedheera.
Itoophiyaatti Imbaasiin Kanaadaa erga baga geessanii guyyaa yaadannoo injifannoo Adwaa dabarseen, Itoophiyaan gootummaa, tokkummaa, fi dandamachuu lola Adwaarratti injifannoo seena qabeessa akka argattu taasise jedheera.
Itoophiyaatti Imbaasiin Raashiyaa ergaa baga geessanii dabarseen Itoophiyaaf badhaadhinaa fi milkaa’ini akka ta’u hawweera.
Itoophiyaatti Imbaasiin Chaayina ergaa baga geessanii dabarseen, biyyoonni laman seendhaan gootummaa, tokkummaa fi dandamannaan walfakkatu jedheera. Fuuldurri biyyoota lamaani ifa akka ta’e eerera.
Itoophiyaatti Imbaasiin Israa’el, Injifannoon Adwaa mallattoo tokkumaa fi dandamannaan akka ta’e ibsuun ayyaanni kun kan itti Itoophiyaanonni tokkummaa isaanii cimsatan akka ta’u hawwii qabu ibseera.
Itoophiyaatti Imbaasiin Kuubaa ergaa baga geessanii dabarseen, injifannoo Adwaa Itoophiyarra darbee kan Afriikaa fi addunyaati jedheera. Akkasumas injifannoon kun mallattoo walabummaa mirgi namooma kan itti mirkaneefamedha.
Haaluma walfakaatuun Itoophiyyatti Imbaasiin Awustraaliyaa, Jibuutii, Ingilaand, Jarmaanii fi dabalatee Imbaasonni teessoo isaanii Itoophiyaa keessa taasifatan garaagaraa ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Tolasaa Mabraateetu gabaase