Irreechi UNESCO’tti galmaa’uuf adeemsarra jira- Abbaa Gadaa Goobanaa Holaa

You are currently viewing Irreechi UNESCO’tti galmaa’uuf adeemsarra jira- Abbaa Gadaa Goobanaa Holaa

‎AMN PLUS – Fulbaana 11/2018

Ayyaanni Galateeffannaa, Tokkummaafi Araaraa ta’e Irreechi UNESCO’tti galmaa’uuf adeemsarra jira jedhan Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobanaa Holaa.

‎Ayaanni Irreechaa kun Magaalaa Finfinnee keessatti hanga bara 1904’tti dhokaataanis ta’u geggeeffamaa turuu yaadachiisan.

‎Abbaan Gadaa Goobanaa Holaa

‎AMN Digital waliin turtii taasisaniin, Irreechi Hora Finfinneefi Harsadii bara kana karaa aadaa fi duudhaa isaa eeggateen akka geggeeffamuuf qophiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.

‎Irreechi magaalaa Finfinnee keessaa dhiibamee bahaa turuu yaadachiisuun, waggaa hedduu booda deebi’ee Finfinneetti kabajamuu kan eegale bara 2012 irraa kaasee akka ta’e Abbaan Gadaa Goobanaa Hoolaa dubbataniiru.

‎Irreechi jaarmiyaa sirna Gadaa keessaa tokko ta’ee, Aadaa Uummata Oromoo, sirna galateeffannaa, guyyaa araaraa ,wagii, eebbaa fi hawwii gaarii falaasama Oromoon qabuun olaantummaa fi humna Waaqaa addunyaaf itti ibsan, milkii gaariin kan ittiin argamuu fi mallattoo ifaa ta’uu Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaa himaniiru.

‎Irreechi eenyummaa qofa osoo hin taane, madda diinagdee yaa’insa tuuristii magaalichaafi galii biyyattii karaa adda addan dabalaa jiraachuu himaniiru.

‎Irreechi kirrii tokkummaa dhala namaa amantaa, aadaa, afaan, siyaasaa fi hawaasummaan walitti hidhuu fi jaalala waloo dippiloomaasii fi kominikeeshinii ta’uus kan kaasan Abbaan Gadaa kun, Oromoon walii isaa, sabaaf sab-lammii Itoophiyaa fi lammiile biyya alaa kan tokkummaa fi walitti dhufeenya biyyootaa ittiin mul’isan ta’uus eeraniiru.

‎Irreechi UNESCO’tti akka galmaa’uuf adeemsarra jiraachuu kan himan Abbaan Gadaa Goobanaa Hoolaa, kabaja bara kanaa irrattis karaa nagaa fi duudhaa isaa Ganamaa eeggateen irratti hirmaachuun murteessaa ta’uu himaniiru.

‎Bara kanas, Finfinneetti irra deebiin kabajamuu erga eegalee yeroo 7ffaaf karaa aadaa fi duudhaa isaa eeggateen kabajamuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Abbaan Gadaa Oromoo Tuulamaa Goobanaa Hoolaa AMN Digital’f ibsaniiru.

‎Daraartuu Tarreessaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply