
AMN – Amajjii 6/2017
Ayyaanonni Addababayii Magaalaa Finfinneetti kabajaman damee tuurizimii fi biyya beeksisuu qofa osoo hin taane, faayidaa diinagdee olaanaa kan qaban ta’uu Biiroon Aadaa, Og-Aartii fi Tuurizimii Finfinnee beeksise.

Qabeenya uumamaa Magaalaa Finfinneetti argaman, hambaalee seena-qabeessa ta’an akkasumas duudhaalee ishee haalaan itti fayyadamuu fi rakkoolee damichaa hiikuuf sadarkaa olaanaan hojjetamuu irratti argama.
Milkaa’ina kanaafis mallattoowwan tuurizimii Magaalaa Finfinnee Maqaa fi asxaan “African Anchor” jedhu waggaa lama dura hojjetamee hojiirra oolfamaa jira.

Waggoota dhiyoo asitti Paarkii Inxooxoo, Paarkii Tokkummaa fi Addababayii Michoomaa dabalatee bakkeewwan tuuristii hawwataa ta’an Finfinnee keessatti dhugaa ta’aniiru.
Itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Aadaa, Og-Aartii fi Tuurizimii Finfinnee obbo Hundee Kabbadaa akka jedhanitti, bakkeewwan tuuristii magaalaa guddootti ijaaramanii fi misoomni kooridaarii yaad-rimee haaraan hojiirra oolaa jiru ijaarsa lafa irraa darbee guddina dinagdee keessatti gargaarssa guddaa taasiseera.
Keessattuu ayyaanonni ummataa kan addababayii magaalaa guddittii keessatti kabajaman guddina tuurizimii mijeessuu fi galii magaalichaa guddisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiru jechuu isaanii TOIttu gabaase.

All reactions:
2020