Israa’el haleellaa magaalaa guddoo Yaman irratti taasisteen Ministira Muummee garee Hawutii Ahimad al Rahaawwii ajjeesuun dhagahame.
Gareen Hawutii ibsa har’a baaseen al-Rahaawiin haleellaa Israa’eliin magaalaa Sana’aatti ajjeefamuu mirkaneesseera.

Hagayya bara 2024 irraa kaasuun garee fincilaa Hawutii bakka bu’uun aangoo Ministira Muummee qabatanii kutaa Yaman gara caalu bulchaa turuu Al-jaziiraan gabaaseera.