Israa’el Gaazaa to’achuuf karoora baaste hordofee qeeqaafi balaaleffanna sadarkaa idil-addunyaatti ishee mudate hin fudhadhu jette.
Mormii fi balaaleffannaa kanneeniif gurra osoo hin laatin karoora ishee akka itti fuftu beeksisuu ishee BBC’n gabaaseera.
Karoorichi Hamaasiin meeshaa hiikkachiisuu, ugguramtoota deebisiisuun Gaazaa keessatti bulchiinsa Haamaasii fi hooggantoota Paalastaayin irraa walaba ta’e hundeessuu of-keessaa qaba.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee , UK, Firaansifi Kaanaadaan karoora Israa’el haaraa hadheeffatanii kan morman yoo ta’u Jarmanis karooricha hordofee deeggersa meeshaalee waraanaa ergaafii turte addaan kutteetti.
Hawaasni idil-addunyaa marti, karoorri kun walitti bu’iinsa dabalataa fi buqqaatii hamaa akkasumas dhiibbaa sarba mirga namoomaa ni cimsa jechuun akeekkachiisaniiru.
Israa’eliin keessaas mormiin ishee mudataa akka jiru kan eerame yoo ta’u, hooggantoota waraanaasheefi maatii lammiilee ugguramaniirraa mormiin ishee mudachaa jira.
Haamaas Israa’eliin yakka loltummaa addunyaan kan himate yoo tahu deebiis akka kennu beeksiseera.
Liyaa Kaasaahuntiin