AMN Plus- Onkoloolessa 20/2018
Istaadiyeemii Biyyaalessaa ‘Adeyi Ababaa’ fi Istaadiyeemii Baahirdaar bara kana xumuruuf hojjetamaa jiraachuu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa beeksise.
Federeeshinichi Yaa’ii Idilee 17ffaa Galma Komishinii Dinagdee Afriikaatti taa’uu eegaleera.
Bara 2017tti gareewwan biyyaalessaa koorniyaa lameen, taphoota hunda dirree biyyoota alaa irratti keessummeessuu isaaniin federeeshinichi birrii miiliyoona 123 ol baasii dabalataaf saaxilamuu himameera.
Mootummaan damee Ispoortiif xiyyeeffannaa olaanaa kennuu kan dubbatan Pirezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Isaayyaas Jiraan, Waancaa Afriikaa 2029 qopheessuuf yaada ka’umsaa dhiyeessuu eeran.
Istaadiyeemiiwwan Adeyi Ababaa fi Baahirdaar bara 2018tti carraa xumuramuu akka qaban eeran.
Qabxiiwwan bara 2017 keessa galmaa’aniin gammadoo akka hin taane Obbo Isaayyaas Jiraan eeruun, jijjiirama itti fufiinsa qabu fiduuf ispoortii biyyattii haala ammayyaa’aan ijaaruun akka barbaachisu akeekan.
Yoonaas Mollaatu gabaase