Itiyoo Telekoom buufata 2ffaa chaarjessa saffisaa konkolaattoota elektiriikaa hojii eegalchiise

You are currently viewing Itiyoo Telekoom buufata 2ffaa chaarjessa saffisaa konkolaattoota elektiriikaa hojii eegalchiise

AMN PLUS- Bitootessa 30/2017

Itiyoo Telekoom Buufatalee konkolaataa Elekitriikaa itti chaarja’u Magaalota biyyattii garagaraatti babal’isuuf hojii baldhaa hojjachaa akka jiru Hojii Raawwaachiistuun Itiyoo Telekoom Firehiwoot Taammiiruu himan.

Dhaabbatichi hojiilee gama kanaan hojjachaa jirurratti ibsa miidiyaaleef kenneen haga ammaatti buufatalee konkolaataa elektiriikaa itti chaarja’uuf gargaaruu isa 2ffaa Magaalaa Finfinnee Boolee fi Maggananyaa gidduutti eegalchiiseera.

Kanaan dura buufata walfakkaatu yeroo tokkotti konkolaataa 16 chaarjeessuuf gargaaru hojiitti galchuu hoji raawwaachiistuu Itiyoo Telekoom Firehiwoot Taammiiruu ibsaniiru.

Namoomsaa Baalliitu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply