Itiyoo Telekoom ji’oottan jahan darban galii birrii biiliyoona 61 ol argate

You are currently viewing Itiyoo Telekoom ji’oottan jahan darban galii birrii biiliyoona 61 ol argate

AMN PLUS- Guraandhala 05, 2017

Itiyoo Telekoom bara baajataa 2017 ji’oottan jahan jalqabaatti galii birrii biiliyoona 61 ol argachuu beeksiseera.

Hoji Raawwachiiftuu olaantuun Dhaabbata Itiyoo Telekoom Firehiwoot Taammiruu raawwii hojii bara baajataa 2017 ji’oottan jahaa irratti miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Ibsa isaanii keessattis hanga walakkeessa bara baajataa 2017tti Appilikeeshinii Teeleebirrii fayyadamuun birrii Tiriliyeena tokkoo sochoosaa turuu ibsaniiru.

Dhaabbatichi Ji’oota jahan darbanitti tajaajila mana hojichaa dijitaalessuun birrii biiliyoona 3.5 oolchuus ibsicha keessatti eerameera.

Itiyoo Telekoom tajaajila dijitaalawaa tajaajilamtootaaf kennuu keessatti qooda isaa bahachaa jiraachus ibsameera.

Giddugalootni tajaajilasaas gara kuma tokkootti kan guddate ta’uu himanii, ji’oottan jahan darban keessatti giddugalootni haaraa 68 banamaniiru jedhan.

Lakkoofsi maamila Itiyoo Teeleekoomii yeroodhaa gara yerootti guddachuun hanga Muddee 2017tti miliyoona 80.5 gahuu Hoji raawwachiiftuu olaantuun dhaabbata Itiyoo Telekoom Firehiwoot Taammiruu ibsaniiru.

Geetaahun Katamaatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply