Itiyoophiyaa fi Emereetoonni Arabaa Gamtoomaanii tumsa isaanii cimsuuf waliigalan

You are currently viewing Itiyoophiyaa fi Emereetoonni Arabaa Gamtoomaanii tumsa isaanii cimsuuf waliigalan

Ittaanaan Muummee Ministira fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin Ministira Dhimma Alaa Emereetota Arabaa Gamtoomanii Sheek Abdullaahii Biin Zaayid Al Naahiyaan waliin mari’ataniiru.

Yaa’ii Waliigala 78ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaanii Niwuyoorkitti gaggeeffamaa jiru cinaatti waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin dhimmoota waloo fi naannawaa irratti kan mari’atan yoo ta’u, tumsa biyyoota lameen giddu caalmaan cimsuuf waliigalaniiru.

Sheek Abduulaahii Biin Zaayid Al Naahiyan yaa’ii Jijiirama Qabeenya Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaanii xumuraa bara Faranjootatti gaggeeffamuurratti gahee Itiyoophiyaa ilaalchisuun ibsa taasisuu ragaan Ministeera Dhimma Alaa irra argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review