Itoophiyaa fi Keeniyaan tumsa damee waraanaan qaban caalmaatti cimsuuf waliigalan

AMN- Sadaasa 17/ 2017

Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan gita isaanii Keeniyaa Jeneraal Charlas Kaahariiri waliin mari’ataniiru.

Biyyoonni lamaan michummaa bara dheeraa lakkoofsise qabaachuu Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan ibsaniiru.

Hariiroo kana caalmaatti cimsuuf damee waraanaan tumsaan hojjechuuf dhimmoota dandeessisanirratti waliigaluu eeraniiru.

Alshabaab waloon qolachuu dabalatee nageenyaa fi tasgabiirratti tumsaan hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessuuf qophiin xumuramuu kaasaniiru.

Tumsi Keeniyaa fi Itiyoophiyaa naannawichaaf murteessaa ta’uu Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Keeniyaa Jeneraal Charlas Kaahariiri himaniiru.

Hariiroo waraanaa biyyoota lamaanii bara dheeraa lakkoofsise caalmaatti cimsuuf waliigalamuu dubbachuu ragaan Fuula Miidiyaa Hawaasummaa Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply