Itoophiyaa fi Raashiyaan tumsa fayyaa irratti waliin qaban cimsuuf waliigaltee mallatteessan

You are currently viewing Itoophiyaa fi Raashiyaan tumsa fayyaa irratti waliin qaban cimsuuf waliigaltee mallatteessan

AMN PLUS- Ebla 16/2017

Itoophiyaa fi Raashiyaan tumsa fayyaa irratti waliin qaban cimsuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigalticha Ministira Fayyaa Maqdas Dhaabaa (Dr.) fi Itti Gaafatamaa Mirga fayyadamtootaa fi Tajaajila Hordoffii Nageenya Namoomaa Raashiyaa Anaa Popovaa mallattesaniiru.

Waliigaltichi biyyoonni lameen balaa tasaa irratti waliin hojjechuuf yaadamee akka ta’e beekameera.

Sanadni waligaltichaa balaa tasaa fayya fi qulqullinaa keessumaa yeroo weerarri tasaa uumamu deebii ariifachiisa kennuu kan fooyyessu ta’uun isaa ibsameera.

Minisirri Fayyaa Maqdas (Dr.), tumsi fayyaa idil addunyaa akkasii beekumsaa fi muuxannoo wal jijiiruun rakkoo fayyaa tasaa ga’umsaan ta’achuuf murteessadha jedhan.

Itti Gaafatamaa Mirga fayyadamtootaa fi Tajaajila Hordoffii Nageenya Namoomaa Raashiyaa Anaa Popovaa gamasaaniin waliigaltichi biyyoonni lameen balaa fayyaa tasaa mudatu haalaa fooya’een akka qophaa’ani fi nageenya lamilee isaani akka eegan ni taasisa jedhan.

Waliigaltichi dandeetti biyyoonni kamiyyuu soda fayyaa irratti deebii haatatamaa kennuu guddisuu, odeeffannoo waljijjiruu, leenjii fi muuxannoo gaarii waliif qooduu of keessatti akka qabatu Ministeera Fayyaa irraa odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply