Itoophiyaan bittaa xiyyaarota Booyingii 737-8 MAX baay’inni isaanii 11 taasisuuf jirtu kutannoo biyyattiin damee aveeshinii guddisuuf agarsiifte akka ta’e Ameerikaan ibsite.
Bittaan xiyyaarota kanneenii hariiroo Ameerikaafi Itoophiyaa cimsuu irra darbee, Garee Daandiiwwan Xiyyaara Itoophiyaa, Afriikaa keessatti bakka guddaa kan kennisiisuuf ta’uu eerameera.
Waliigaltee Agarsiisa Xiyyaaraa Dubaayitti taasifamen hariiroo diinagdee biyyoota lamaaniif gumaacha qajeelaa qabaachuun, gama carraa hojii uumuu, carraawwan diinagdee babal’isuuf akka fayyadu ibsameera.
Dabalataanis, damee aveeshinii Itoophiyaatti babal’ataa jiru keessatti Ameerikaan gama innooveeshiniin deggersi taasistu cimee itti fufuu akka agarsiisu ibsamuu odeeffannoon Imbaasiin Ameerikaa Itoophiyaatti argamu fuula miidiyaa hawaasummaa isaan baaseen beekuun danda’ameera.