Dargaggoo ogummaa barate hojiitti hiikaa jiru-Arkiteekti Malkaamuu Birhaanuu

You are currently viewing Dargaggoo ogummaa barate hojiitti hiikaa jiru-Arkiteekti Malkaamuu Birhaanuu

Arkiteekti Malkaamuu Birhaanuu Abdataa jiraataa magaalaa Naqamteeti.

Bara 2008 muummee barnootaa Arkiteekchariin Yuunivarsiitii Wallaggaarraa eebbifame.

Arkiteekti Malkaamuun eebbifame akkuma nama kamii yeroo gabaabaaf hojii barbaadu AMN sagalee Dhalootaatti himeera.

Haata’uuti olee bulee ogummaa barate hojiitti hiikuu yaadni jedhu keessa isaa buluu kan yaadatu abbaan ogummaa ajaa’ibaa Malkaamuun amma bobboca ijaafi qalbii namaa hawwatu hojjechuun jireenya isaa gaggeeffachaa jiraachuu hima.

Kennaa ayyaanaaf kan oolu dabalatee bobboca mukaafi fuullee garaagaraas kan hojjetu Arkiteekti Malkaamuun hojiin mimmiidhagaan ogummaa harka isaa karaa barsiisota yuunivarsiitii lammilee Hindii gara biyya alaattillee geeffamus dubbateera.

Arkiteekti Malkaamuu Birhaanuu Abdataa ofirra darbees namoota 2’f carraa hojii kan uume yoo tahu osoo haalli mijateefii ogummaa amma itti jiruun fagoo imaluuf kaayyoo qabaachuu AMN Sagalee Dhalootaatti himeera.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply