AMN PLUS- Onkoloolessa 18/2018
Dhimmi ulaa galaanaa Itoophiyaaf dhimma seenaa, diinagdeefi murteessaa ta’uu kan kaasan Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD), “Itoophiyaan cufamtee hin teessu” jedhan.
Qaamoleen “Ani taasisu malee” jedhanis ta’e qaamoleen yeroon isaa Amma miti jedhan yaadni isaanii fudhatama akka hin qabne ibsan.
Gaaffiin ijoon, ‘Ulaan galaanaa kan Itoophiyaa akka hin taane eenyu murteesse?’ isa jedhu ta’uu kan kaasan Ministirri Muummee, yeroo san Kaabineen, paarlaamaafi uummatni murtoo uummataan Ulaa galaanaa dabarsee kenne hamma hin jirretti, seenessi dogoggoraa akkasii hafuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Dhimma eenyu akka murteesse hin beekneen waggoota 30 dabarsineerra, ammas argachuuf garuu waggoota dabalataa 30 dabarsuu hin barbaadnu jechuun ergaa dabarsanii jiru.
Biyyootni addunyaas ajandaa kana duubatti harkisuurra, akka Eertiraa wajjin mari’annee ulaa galaanaa argannu haala mijeessuu qabu kan jedhan Ministirri Muummee Abiyyi, gaaffiin seenaa kun yeroon itti deebii argatu dhiyoo ta’uu kaasaniiru.
”Uummata Eertiraa wajjin obbolaadha, nuti waraana hin barbaadnu” jechuun dubbachuun, bu’aan Wal dhabdee mancaatii ta’uu eeraniiru.
Biyyootni guddina Itoophiyaa ija sodaan ilaalan akka jiran kaasuun, ulaa galaanaa akka hin arganne akka barbaadan ibsan.
Itoophiyaan ammas guddoodha, kana caalaatti yeroo guddattu ammoo deggersa taasiftu cimsitee itti fufti malee yaaddoo akka hin taane ibsaniiru.
Ulaan galaanaa Itoophiyaa waan hin oollee waan ta’eef milkaa’ina isaaf akka qaamoleen hundumtuu tumsan waamicha dhiyeessaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin