Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr) milkaa’ina diinagdee Itoophiyaa dandeettii loltummaan cimsuufi deeggaruun barbaachisaadha jedhan.
Dooktar Abiyyi Ahimad guyyaa har’aa sosochii hojii oomisha diroonii ‘AEROABAY’ daawwataniiru.
Daawwannaa kana booda yaada kennaniin, Itoophiyaan dirooniiwwan gosa sadii Oomishaa jiraachuu eeruun, dirooniiwwan meeshaalee fi dawoo diinaa wareegama lubbuu malee barbadeessan oomishaa jiraachuu himan. Itoophiyaan diina walabummaashee qoruu fedhan kamuu bakka feetetti haleeluuf ishee dandeessisa jedhan.
Dirooniin biraa, kan tajaajila basaasaaf gargaaran yoo ta’u, akka salphaatti giphiitti baatamaanii socho’uu akka danda’amu kaasan. Dirooniiwwan agarsiisa taatewwaniif tajaajilanis giddugala kanatti oomishamaa akka jiru eeraniiru. Namoonni badhaadhina biyyaaf yaadan yeroo itti aanutti dhimmi isaan yaaduu qaban dandeettii loltummaa cimsuu ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.
Biyyoonni akka Itoophiyaa guddina diinagdeefi dandeettii loltummaan guddachuu yoo baatan diinagdeen humna dhabuu akka danda’u kaasaniiru.
Tagany Bafiqaaduutiin