Obbo Taaggaasaa Caafoon jila Paarlaamaa Iraani waliin mari’atan

You are currently viewing Obbo Taaggaasaa Caafoon jila Paarlaamaa Iraani waliin mari’atan

AMN – Amajjii 9/2017

Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoo jila Paarlaamaa Iraanii dhufan waliin mari’achaa jiraachuun isaanii beekamera.

Af Yaa’ii obbo Taaggaasaa Caafoon Jila Paarlaamaa Iraanii Af Yaa’ii Mana Maree biyyattii Mahaammad Gaaliibaafiin durfamu waliin dhimmoota waloo irratti mari’ataniiru.

Waliitti dhufeenyi biyyoota lamaanii hariiroo bara dheeraa kan qabuu ta’uu Af Yaa’iin Obbo Taaggasaa Caafoon ibsaniiru.

Daawwannaan Jila Iraan Itoophiyaatti taasisaa jiran hariiroo fi michoominna biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf kan kaaroorfate ta’uu isaas eeraniiru.

Biyyoonni lamaan hariiroo Paarlaamaa fi Dippiloomaasii isaanii caalmaatti cimsanii kan itti fuufan ta’uu ragaan marsaa hawaasaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply