“Itoophiyaan badhaadhina waan barbaadduuf hanna, qabeenya miliqsuufi dadhabina ni jibbiti jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)
Kanaafis biyya badhaate dabarsanii kennuuf cimanii hojjachuun hundumaa irraa akka eegamu dubbataniiru.
”Biyyi hattu, harka hin hojjenne, qabeenya biyyaa kan miliqsu keessatti badhaadhinni hin jiru” jechuun Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ibsaniiru.
Hojjetaa aangootti fayyadamee mattahaan tajaajila kennuu barbaadu, maallaqa kennuufii osoo hin ta’in namni kamiyyuu mirga tajaajila argachuu waan qabuuf aanga’oota akkasii saaxiluun barsiisuun akka barbaachisus ibsaniiru.
Imala Itoophiyaan badhaadhinaaf taasistu qormaanni mudatu yoo jiraate mootummaan akka carraa gaariitti fudhachuun milkaa’inatti akka jijjiiru Ministirri Muummee himaniiru.
Qormaatilee hunda keessaa carraa gaarii fudhachuun badhaadhina Itoophiyaa kan ariifachisu ta’uu eeruun, rakkoowwan mudataniin gufatanii dhaabbachuun akka hin jirre ibsaniiru.
Qindoomuun , waloomuuniifi wal-deeggaruun Itoophiyaa gara caalutti ceesisuuf ciminaan hojjechuun akka barbaachisus dubbataniiru.
”Dhaabbileen biyya alaafi lammiileen biyya alaa biyya keenya Itoophiyaa amananii invasti godhaa jiraniif caalaatti bu’aa akka argataniif mootummaan karaa Komishinii Invastimentiifi Boordii Invastimentiitiin deeggarsa akka taasisus eeraniiru.
”Harka haa dirirfannuu, haa hojjennuu, haa tattaaffannuu, badhaadhina Itoophiyaa akka arginu nan amana” jechuun akka waliin imalis Ministirri Muummee, Sagantaa Galateeffannaa Kaffaltoota Gibiraaf qophaa’e irratti waamicha dhiyeessaniiru.
Shuumii Badhaasootiin