‎Itoophiyaan hojii misooma magaalaan Afrikaaf fakkeenya taateetti- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing ‎Itoophiyaan hojii misooma magaalaan Afrikaaf fakkeenya taateetti- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

‎AMN PLUS- Fulbaana 22 /2018

‎Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) wayita Naannoo Somaalee Jigjigaatti hojiiwwan misoomaa daawwatanitti, Itoophiyaan hojii misooma ashaaraa magariisaan hojjatteen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irraa beekamtii akka argatte ibsaniiru.

‎Hojiin misooma koriidarii magaalaa Jigjigaatti hojjatame bifa magaalittii sadarkaa olaanaatiin jijjiiruu isaa ibsaniiru.

‎Kunis, Tuurizimii “Indastirii aara maleessa” jedhamee beekamu sadarkaa biyyaatti babal’isuuf hojii eegalame ni tumsa” jedhaniiru.

‎Riizoortiin Shabalee Sagantaa Maaddii Biyyaaf’iin hojjatames Itoophiyaa irra darbee gahumsa biyyoota ollaaf Tajaajila kennuu akka qabu himaniiru.

‎Hojiiwwan misoomaa akka biyyaatti hojjatamaa jiranis itti fayyadamummaa uummataa mirkaneessaa jiraachuu eeraniiru.

‎Hojiin misooma Magaalaa hojjatamaa jirullee Itoophiyaa Afrikaaf fakkeenya taasisuu ibsaniiru.

‎Itoophiyaan misooma qamadiitiin kanaan dura beekamtii argachuu yaadachiisuun “Amma ammoo milkaa’ina misooma ashaaraa magariisaan argatteen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irraa beekamtii argatteetti” jedhaniiru.

‎Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply