Itoophiyaan Shaampiyoonaa Biskileetii Dargaggoota Idil Addunyaa Liibiyaa Beengaaziitti adeemsifame injifatte

You are currently viewing Itoophiyaan Shaampiyoonaa Biskileetii Dargaggoota Idil Addunyaa Liibiyaa Beengaaziitti adeemsifame injifatte

‎AMN PLUS-Hagayya 10/2017

‎Gareen biyyaalessaa Itoophiyaa Shaampiyoonaa Biskileetii Dargaggoota Idil Addunyaa Liibiyaa Beengaaziitti adeemsifame olaantummaan injifate.

‎Gareen biyyaalessaa Itoophiyaa dorgommii kana irratti garee fi dhuunfaan hirmaachuun gosoota lamaan sadarkaa tokkoffaa bahuun xumureera.

‎Haaluma kanaan dorgommii gareetiin Itoophiyaa, Morookoo fi Ijipti sadarkaa tokkoffaa hanga sadaffaa yoo bahan, dorgommii dhuunfaatiin ammoo Itoophiyaa sadarkaa 1ffaa fi 3ffaa yoo qabatu Morookoo sadarkaa 2ffaa akka xumuran gareen biyyaalessaa ibsa AMN’f ergeen beeksiseera.

‎Qabxii argame irratti hundaa’uun Gareen Biyyoolessaa Itoophiyaa meedaaliyaa warqee fi badhaasa maallaqaa fudhachuu danda’eera

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply