AMN Sadaasa 08, 2017
Fiigichi guddichi Itoophiyaa waggoottaan darbaniif Itoophiyaa addunyaatti beeksisaa turuu Kantibaan Magaalaa Finfinhee Aadde Adaanech Abeebeen ibsaniiru.
Miidhagina magaalaa Finfinnee keessaa tokko kan ta’e dorgommii fiigicha guddaa daandii gubbaa 24ffaa Pireezidaantii FDRI Taayyee Atsqasillaasee, Ministeerotni, Atileetotni akkasumas jiraattotni magaalichaa hedduun bakka argamanitti har’a ganama eegalchiisneerra jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Fiigichi guddaan waggoota 24 dabraniif Itiyoophiyaa addunyaatti beeksisaa kan ture yemmuu t’u dorgommii baranaa adda kan taasisu Finfinneen miidhagdee, daandiileen bal’atanii miidhaganii fi ifanii giddu gala hawwataa idil-addunyaa ta’uu yeroo eegaltetti kan geggeeffame ta’uusaati jedhan.