AMN PLUS, Guraandhala 17, 2917
Itoophiyaatti kirkirri lafaa cimaan maaginiitiyuudii 5.2 galmeesse naannoo Afaar, Awaashitti mudate.
Halkan walakkaarra kirkirri lafaa 3 kan mudate yoo ta’u naannoo Afaar naannawa Awaashitti maaginiitiyuudii 5.2’n kan mudate isa cimaa ture.
Achuma Awaashitti naannawa sa’atii 12tti maaginiitiyuudii 4.5’n mudateera.
Inni sadaffaan Naannoo Somaalee magaalaa Qabrii Dahaar irraa KM 192 irratti maaginiitiyuudii 5.1 kan galmeesse mudateera.