Imala mareefi marabbaan nagaa waaressuuf eegalleen injifannoon waloo galmaa’aa jira- Pir. Shimallis Abdiisaa

AMN- Sadaasa 29/2017

Imala maree fi marabbaan nagaa waaressuuf eegalameen injifannoon waloo galmaa’aa jira jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.

Itoophiyaan biyya guddoo seenaa ijaarsa biyyaa waggoota hedduu qabdu biyya heddumina qabaachuun bu’uureeffamteedha.

Biyyi gootummaafi heddumina qabaachuun beekamtu kun sirna ijaarsa biyyaa seenessa qeenxee keessummeesse hojiirra oolchuu isheetiin daneessummaan sabootaa kabaja osoo hin argatiin bubbule.

Kunis Seenessi qeenxee akka babal’atu taasisuun uummattoota jidduutti hariiroo gaariin akka hin uumamne, walitti bu’insiifi hokkorri akka babal’atu dirqisiisuun ijaarsi biyyaas osoo hin xumuramiin rarra’ee akka hafu taasise.

Murni gita bittaas carraa argatetti fayyadamee sabdaneessummaa kabaja dhorkee sirni qeenxee akka ijaaramu taasiseera.

Mirgoonni namummaafi dimokiraasiis sarbaman.

Kun ammoo qabsoon akka dhalatuufi golee hundattis babal’achuun sirni qeenxee akka jiguuf bu’uura buuseera.

Qabsoo Saboota, Sablammootaafi Uummattootni Itoophiyaa taasisaa turaniifi wareegama qaqqaalii kaffalaniinis caaseffamni mootummaa Federaalawaa hiree ofiin of bulchuu sabootaafi sablammootaaf wabummaa kenne hundaa’ee Heerri Mootummaa FDRI Sadaasa, 29/1987 ragga’e.

Heerri FDRI ragga’es dhugaa Sabdaneessummaa Itoophiyaatti ulfina kan hore murannoo akka biyyaatti sirna Federaalizimii sabdaneessaa bu’uura qabsiisuun tokkummaa, walqixxummaa, mirga ofiin of bulchuufi dimokiraasii ijaaruuf qabnuuf wabummaa kan kenne ture.

Haata’u malee hojiirra oolmaa isaa irratti qaawwii guddaan uumamuu isaatiin dambaliin uummattootaa irra deebiin uumamee bara 2010 mootummaan jijjiiramaa akka dhalatu taasise.

Barii jijjiiramaa irraa eegaluunis hanqinoota turan furuun mootummaa cimaafi biyya jabduu badhaadhina milkeessite galmaan ga’uuf rifoormii jajjabaan hojiirra oolfamee milkaa’innis argamaa jira.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply