AMN PLUS Guraandhala 20/2017
Ityoophiyaa fi Somaaliyaan tumsa waliin fayyadamuu cimsuuf kutannoo qaban irra deebiin mirkaneessaniiru.
Pireezidaantiin Mootummaa Federaalawaa Somaaliyaa Hasan Sheek Mahmuud Ministiraa Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.)daawwannaa hojii Somaaliyaatti taasisaniin simatanii haasofsiisaniiru.

Daawwannaan Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu eerameera.
Hoggantoonni lamaan ibsa waloo kennaniin, walitti dhufeenya seenaa, daangaa biyyootaa lamaan gidduu jiru fi walitti dhufeenya ummata isaanii gidduu jiru hubachuun, tumsa dippilomaasii, diinagdee fi hawaasummaa cimsuun wal-amantaa uumuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.
Ityoophiyaa fi Somaaliyaan biyyoota mul’ataa fi hiree waloo walii qaban waan ta’eef tasgabbii fi badhaadhina naannichaa mirkaneessuuf walitti-dhufeenya wal-deggarsa irratti hundaa’e akka jiraatu hubachiisaniiru.
Hoggantoonni lamaan misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuu, tarsiimoo misoomaa pirojektoota bu’uuraalee hojiirra oolchuu, ida’amuu dinagdee uumuu fi hariiroo ummataa cimsuuf kutannoo qaban ibsaniiru.
Akkasumas, waliigaltee Ankaaraa hojiirra oolchuuf marii fi tumsa gaggeessuuf waliigaluu isaanii mirkaneessaniiru.