‎Ixaana Biyya Alaatti Ergamerraa Galiin Doolaara Miliiyoonni 1.6 argame.

You are currently viewing ‎Ixaana Biyya Alaatti Ergamerraa Galiin Doolaara Miliiyoonni 1.6 argame.

‎AMN PLUS – Hagayya 05/2017‎

‎Bara baajataa xumurame kana oomisha ixaanaa irraa Doolaarri Miiliyoona tokkoofi Kuma 600 ol argamuu Korporeeshiniin Hooggansa Hojiiwwan Qonnaa beeksise.

‎Daayitektarri Komunikeeshinii fi Itti gaafatamaan Damee Hawaasummaa Korporeeshinichaa Gaashawu Ayichiluum akka jedhanitti ixaanni Kuntaala 2 fi 505 gabaa biyya alaaf dhiyaateera.

‎Ixaannoi kun biyyoota akka Chaayinaa, Dubaayi, Giriikii, Tuniiziyaa fi Tarkiyyeetti kan ergame yoo tahu, galiin Doolaara Ameeriikaa Miiliyoona 1 fi kuma 600 ol irraa akka argame dubbataniiru.

‎Dabalataanis, ixaanni Kuntaala 260 biyya keessatti dhiyeessuun, galiin Birrii Miiliyoona 7 fi kuma 700 ol itti tilmaamamu akka argame ibsaniiru.

‎Raawwiin hojii 2017 raawwii bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu caalmaa akka qabu ibsameera.

‎Korporeeshinichi oomisha ixaanaa walitti qabu keessaa dhibbantaa 90 ol gabaa Addunyaaf akka dhiyeessus beeksisaniiru.

‎Al-seerummaa daldalaa damicha keessatti mul’atu hambisuuf hojjatamaa akka jiru Daayirektarichi ibsaniiru.

‎Itoophiyaan bara baajataa 2018’tti oomisha ixaanaa gara biyya alaatti ergitu kuntaala Kuma Lamaafi 510 erguun sharafa alaa argamsiisuuf akka karoorsite dubbachuu isaanii ‎Tajaajila Oduu Itoophiyaatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply