Dameen albuudaa diinagdee biyyattiif gumaacha irraa eegamu akka taasisu hojjetamaa jira

AMN – Sadaasa 18/2017

Dameen albuudaa diinagdee biyyattiif gumaacha irraa eegamu akka taasisu qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetama akka jiru Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Habtaamuu Tagany ibsaniiru.

Eekspoon Albuudaa fi Teeknooloojii Idil Addunyaa 3ffaa 2024 Sadaasa 14 hanga 17/2017tti Magaala Finfinnee galma bar-kumeetti gaggeeffamaa turuun isaa ni yaadatama.

Dhaabbileen biyya keessaa fi alaa damee albuudaa irratti bobbaa’an agarsiisa kana irratti kan hirmaatan yoo ta’u, mariin paanaalii damee kana waliin walqabatee gaggeeffameera.

Milkaa’ina Eekspoo Albuudaa fi Teeknooloojii keessatti namoota gahee ol-aanaa taphataniif sagantaan beekkamtii kaleessa gaggeeffameera.

Ministira Albuudaatti Injinar Habtamamuun cufiinsa eekspoo kanarratti argamuun ergaa dabarsaniin dhaabbileen hedduun hirmaannaa taasisuu isaanii himuu isaanii kan gabaase TOIti.

Qabeenya Itoophiyaan damee albuudaa keessatti qabdu beeksisuun kaayyoo yaadame galmaan ga’eera jedhan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply