‎Jeforaan Maali?

You are currently viewing ‎Jeforaan Maali?

‎AMN PLUS- Sadaasa 07/2018

‎Akkaataan jiruufi Jireenya Saboota, sablammootaa fi uummattoota Itoophiyaa beekumsa qe’ee irratti kan hundaa’edha.

‎Jeforaan Naannoo Gidduu galeessa Itoophiyaa Godina Guraageetti beekamaadha.

Maarree hawaasni ganda tokkoo ilaafi ilaameen wal mari’atee ijaarsa manasaa daandiirraa fageessee, daandii bal’aa walqixa hambisa. Walga’ee mari’achuuf bakka kana filata. Hariiroo hawaasummaa asitti cimsata.

Bal’inni Joforaa Meetira 30 hanga 40 yoo tilmaamamu, dheerinni isaa garuu hangana jedhanii ibsuun rakkisaadha

‎Jeforaan lagni yoo jiraate malee bakka itti dhaabbatu hin qabu.

‎Akkaataan ijaarsa manneenii naannawaa Jeforaa injinaroota muuxannoo gahaa qabaniin kan hojjetaman osoo hin taane beekumsuma naannoo qe’ee isaaniitti abbootiirraa dhalaaniin kan ijaaramaniidha.

‎Jeforaan bakka abbootiin walgahanii kan waldhabe itti aaraarsan, qeerroo fi qarreen itti wal kaadhimmatan, iddootti gaa’ela raawwatan, bakka yeroo ayyaanaa tokkummaan itti maaddii qooddataniidha.

‎Walumaa galatti Jeforaan afaan Guraagee Yoo ta’uu hiikni isaas Daandii Guddicha jechuu akka ta’e maanguddootni ni dubbatu.

‎Akka abbootiin naannawaa sana jiraataan jedhanitti Joforaan kan hundeeffame waggaa 500 duradha.

‎Akka hundaa’uf wanti sababa ta’e ammoo wayita bakka bakkatti faffaca’anii jiraataa turanitti shiftoonni waan rakkisaa turaniif, sana of irraa ittisuuf jechaa daandii guddaa gidduu isaaniitti hambisanii fuula manneen isaanii walitti garagalchanii ijaarratan akka ta’e abbootiin ni dubbatu.

‎Daandii kanas kanneen gamaa fi gamana jiraatan manneen isaaniirraa eegalanii qulqulleessa walitti fiduun qulqullina isaa akka eegan ibsu.

‎Daandii kanarratti beelada kamuu hidhuu fi bobbaasuun hin danda’amu. Kanneen seera ka’ame cabsanis ni adabamu.

‎Jeforaan innisheetivii misooma kooriidarii baadiyyaafis beekumsa qe’ee bu’uura tokko ta’uu danda’uufi hojii irras oolaa jirudha.

‎Mangashaa Daargeetiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply