Jilli qondaaltota Raayyaa Ittisa Biyyaa Indaastirii Uffannaa Adaamaa daawwate

You are currently viewing Jilli qondaaltota Raayyaa Ittisa Biyyaa Indaastirii Uffannaa Adaamaa daawwate
  • Post category:Itoophiyaa

AMN Fulbaana 19, 2016:- Jilli Ministira Raayyaa Ittisaa Dooktar Abirahaam Balaayii fi Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Indaastirii Uffaanaa Adaamaa daawwateera.

Faawundeeshinii Raayyaa Ittisaatti Indaastiriin Uffannaa Adaamaa, bara 1980 kan hundaa’e yoo ta’u, uffannaalee Raayyaa Ittisaa fi qabannoowwaan hidhannoo qopheessuun muxannoo yeroo dheeraa kan horate ta’uun ibsameera.

Indaastirichi yeroo ammaa uffannaalee Raayyaa Ittisaa fi qaamolee nageenyaa, asxaawwan gulantaa fi hidhannoowwan oomishaa jiraachuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyarraa argame ni mul’isa.

Sadarkaa teeknooloojii Indaastirichaa amma irraa ga’ee fi kallattii guddina fuuldureerratti ibsi kan kenname yoo ta’u, adeemsi oomisha indaastirichaas qondaaltotaan daawwatameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review